[Intro]
Maaliin halkan kana yeroon nuuf dabarsina
[Verse 1]
Dhiyootti deebina mana keenya ganamaatti
Waanjoon nurraa kaa’a jabaadhaa yeroo dhiyyootti
Irraanfachuuf jirra boo’ichaaf dadhabbii Lafaa
Gungumaa adeemuun martinuu dhiyootti hafaa
Ishee keessaa baane jannata iddoo Bultii keenyaa
Jabaadhaa adeemaa yeroo dhiyyoot achi geenyaa
[Chorus]
Yesus nuuf tolee, abdii biyyaaf nu dammaqsa
Lafti kunnii ni jijjiirra, waliin dhaabbanna
Jabaadhaa, adeemaa, boddee ifaa ta’a
Nuyi walirraa fagaannu garuu onneen nu waliin jira
[Verse 2]
Maalshee nuuf tolee Silas, dacheeni nuuf hin mijannee lafti onaan kunii
Utuu hoietuu agabuu bulaa bu’aa irraa dhabee namni baayyeeni
Kaanis dhalasaa utuu jaallatuu of harkaa dhabaa balaa tasaanii
Kaan mana ba'ee utuu in galin hafee reffisaa nyaatame bineensaani
Bayyeen dadhabee dhabee dafqasaa utuu dhama'uu maaddi irraa dhabaa
Daa’imnis hadhaa malee jiraatti umurii malee gaddaan waadamaa
Nu nuffisiisee jireenyi dachee akkasiin turuun yoom rawwatamaa
[Chorus]
Yesus nuuf tolee, abdii biyyaaf nu dammaqsa
Lafti kunnii ni jijjiirra, waliin dhaabbanna
Jabaadhaa, adeemaa, boddee ifaa ta’a
Nuyi walirraa fagaannu garuu onneen nu waliin jira
[Bridge]
Maaloo mulladhuu, Yesuus waqarraa biyya abdii keenyaa ijaan agarraa
[Chorus]
Yesus nuuf tolee, abdii biyyaaf nu dammaqsa
Lafti kunnii ni jijjiirra, waliin dhaabbanna
Jabaadhaa, adeemaa, boddee ifaa ta’a
Nuyi walirraa fagaannu garuu onneen nu waliin jira
[Outro]
Akkasuma yaadadhu, abdii fi obsa waliin nu hiriirsuu
Gammachuu fi tokkummaa nuuf kennuuf Yesuus nu wajjin jira