OSTAN – Jaalala Obsa Qabu 🎶
Yeroo ani si argu jalqabee
Addunyaan koo ni jijjiiramte.
(Chorus)
Sagaleen kee na booji’e
Onneen koo si filatte
OSTAN jechuun maqaa qofa miti
Hiika jaalalaa keessa qaba
Ati anaaf ifa halkanii
Barii abdii naaf taata.
Verse
Sagaleen kee na booji’e
Onneen koo si filatte
OSTAN jechuun maqaa qofa miti
Hiika jaalalaa keessa qaba
Ati anaaf ifa halkanii
Barii abdii naaf taata.
(Chorus)
Si jaallachuun salphaa hin turre
Garuu si dhabuun na miidhuuf
Qophiirra jira ostiyee Sin baana.
Onnee koo siif kenneera
Deebiin isaa si qofa hubadhu
Jaalalti keenya obsaan ijaarame
Akkuma maqaa kee jabaate
Rakkoon yoo dhufees bira kuna
Harka wal qabannee ceena
Yeroo ati na ilaaltu
Addunyaa mara nin dagadha
Kolfi kee qoricha koo
Gaddi koo sitti bada.
Verse
OSTAN jechuun ciminaa
Jaalala hin laanne
Ati abdii koo borii
Sababa ani itti obsadhe
Yoo addaan fagaannu illee.
Verse
Onneen keenya wal qunnama
Jaalalli dhugaa hin cabu
Yeroo qofaan ni jabaata
Si jaallachuun of beekuudha.
(Chorus)
Si dhabuun of dhabuudha
Ati jireenya koo
Yeroo ani dadhabu
Ati na jajjabeessita
Yeroo ani kufu
Ati na kaaftita
OSTAN maqaa bareedaa
Garuu caalaa amala kee
Obsa, jaalala, amanamummaa.
Verse
Kan onnee koo hawwu
Halkan halkanii si yaada
Guyyaa guutuu si hawwa
Jaalalli keenya sirba
Onnee koo keessatti taphata
Yoo addunyaan natti citu
Ati naaf harka taata
Yoo imimmaan na guutu
Ati na kolfisiifta
OSTAN jaalala koo kessa jirta.