Nama jaallattaniif dhiigaa wakkatturree,
Jaalalli kee midhee naa taassissee saree,
Jaalalaan na miitee callisu filatte,
Rabbii sif haa lattu kan ati naa gootte.
[Chorus]
Jaalalaaf bakka kennun maaf sitti hir'attaa?
Dhugaa an sitti himuu maaf dhara fakkata?
Dhugaan si jaalladhe simadhu fudhadhuu,
Baal’isii itti yaadi bakka itti naaf laadhu!
[Verse 2]
Qufa'uu dadhabee na axxifachiisaa,
Hiriyaan dhokfadha suman na yaachiisa,
Dhibee dawwa hin qabne na keessatti argamee,
Booda akka waa hin jenne ergan an dhabamee!!!
[Chorus]
Oonnee wal jaallateef qorichii maaliree?
Gaafa ati na cuftee an na'een wareeree,
Waaqayyoo naa cimsuu jedheen of abaaree,
Sii dhiisee deemuudhaaf gaaran naa darraree!!!
[Bridge]
Soonaan jaalalaa kee guddaa natti argamaa,
Naa jaaladhuu jechuun shamshamee dirqamaa!
Barbadaanni argachuuf mirgaa bilisummaa,
Dhabbaannii rakkachuun anaammoo biyyummaa???
[Chorus]
Oonnee wal jaallateef qorichii maaliree?
Gaafa ati na cuftee an na'een wareeree,
Waaqayyoo naa cimsuu jedheen of abaaree,
Sii dhiisee deemuudhaaf gaaran naa darraree!!!
[Outro]