Ati anaaf kennaadha
Badhaasa ganamaati
Soossobde na moote
Jaalalaan hamaa dhumaati na Soossobde na moote Jaalalaan hamaa dhumaati ×2
Sila ijaaranne duraanu
Mana hin diigamne gamtaanu
Beeketin si filachuun ko
Akkaa hin diiigamne wadanu ×2
Deemsii ke lafaa hin quuqu
Amalaa keetu namaa boonsa
Galmaa onnee keessa seente
Ni muldhata keessa kessa ×2
Jaalaltii tunu bar suuta
Soossobe qalbii si xiixa
Namarraa kophaa si baase
Hundaa si irraanfachiisa ×2
Halkaniifi guyyaa si yaada
Si argu anu barbaada
Ijaa Jaalalaan na miite
Akkamiin narraa fagaata ×2
Sirkarraan karaa nageelle
Madaroon waliin adeemnee
Taphaa Jaalalaa duraani
Har,a ibsachu dandeenye