[Intro]
Ilaalcha guddaa fi yaada addaa, afaan Oromootti nyaataaf caccabsaa
[Verse 1]
Warri Haacaaluu nyaatan, dhiiga keenya baranii
Har'allee nuuf hin teenye, albee nutti qaranii
Qaroo tokko dhabneerra, lammatas nu jaamsuufi
Dungoo aartii Oromoo, abdii borii dhaamsuufi
[Chorus]
Rabbumatu nu oolche, nyaatamnee oolle diqqoo
Gaachana siif haa ta'u, ammallee waaqni Dinqoo
[Verse 2]
Warri hamaa nutti yaaddu, ganamaa fi galgala
Sirratti gochuu yaalte, ajjeechaa fi falfala
Dhaloota akka keetii, irbuu goototaa dhaalu
Nama sabaaf dubbatu, kichuutti kutuu yaalu
[Pre-Chorus]
Silumaa hidda malee, xannachi nuuf hin dhiiguu
Kanaaf wanta Oromoo itti duulanii diigu
[Chorus]
Lama nu suufaniiree? Lakki hin ta'u fafaa
Qaroon nujalaa jaamnaan, kaayyootu karaatti hafa
[Bridge]
Kanaafuu.....
Ija tokkichaan rafi, ija tokkoon libsadhu
Dammaqi yaa Oromoo, agartuu kee tikfadhu
[Verse 3]
Haga yoomii qe'eenkee, alagaadhaan dhaalama
Haga yoomii jabaakee, ajjeesuudhaaf yaalama?
Amartiin gatiin qabdu, gaafa jirtu qubatti
Erga qubattii baddee, garaan gaabbiin gub
[Outro]
Kutannoon keenya bilisummaa, injifannoo fi yaadni abbaa biyyummaa
Gara fuulduraa nu geessu, harka keenya kaayoo waliin qabu