Ijaakoo ijitti akkan itti si jaalladhu
Akkam godhee siif laadhu
Mee akkam na gootaa
Kunoo yaada keen of qotaa
Qofaa narra balleessitee
Qofaati na deebiste
Maali mee badiin koo
Anoo waansaa walaalee Ijuukoo
Akkan garaa kiyyaaf
Sagaleen koo ol kaasee
Sababa malee iyaa
Deebiinkee na quubsu
Ani jaallachuun koo ta'ee moo cubbuu
Anoo yaadakee danda'ee hin obsuu
Akka karoora koof waan hedduu
Garuu taatee yaadikoo qalbii weedduu
Nan gaabba si jaallachu koof mee
Jedhee yaadeen ofi dhamee