[Kutaa Jalqabaa]
Barbada dhokataa... foon koo sitte kutee
Jaalala tee kaniin... qalbii na rarraasee
Atis na jibbitee... dhiistee deemtee laata?
Moo rakkoo biraati... kan addaan nu baase?
[Geeggaddoo / Chorus]
Teeysoon teenya sunii...
Eessatti badde laata?
Garaan si jaalatee...
Guyyaa itti si argatuu... lakkaa'aa oolaa!
[Kutaa Lammaffaa]
Halkanis abjuudhaan... si bira na geessaa
Lafeen koo na rurrukuta... yaaduma keetiinii
Obsas na dhowwitee... onnee too na dhuunfattee
Mee natti mari'adhu... maali furmaanni isaa?