[Intro, Soft Oud] Kaatimaa badduu Yaa Rabbi naaf birmadhu Rahmata kee keessatti Garaa koo tasgabbeessi
[Verse 1] Hammeenyi dilii too Keeyrii tiyya saamee Osoon an dilaahuu Guyyaan dhufee dhume
Ilma namaa miidhuu Dalagaa godhadhee Nam tokkon sodaadhu Humna toon abdadhe
Dhalaa ijaan arku Harkaan itti fiigee Dilii keessa kutee Jiruu isaanii diige
Hammeenyaan wal baree Nama tokkon beekuu Karaa hamaa malee Toltuu takkan arku
[Chorus] An amma of baree Kaaliqa koo gaarii Gama kee deebi'ee Ati na gargaari
Rahmata kee arge Garaa waan jabaattuu Haadharraa hangafee Tokko sin qixxaatuu
[Verse 2] Dilii too hundumaa Ilaahii jechuun waame Rahmata kee fadhee Towbachuudhaan hawwe
Yaa Mootii Moototaa Kaaliqa koo gaarii Garaa laafaa Uumaa Yaa Ilaahal Baarii
Hedduun si balleeyse Badiin koo baay\'atte Ati humaan taane Lubbuun koo miidhamte
[Pre-Chorus] “N