Kaan keessaa
na muddamsisaa
silaa nin ciisaa
sodaatu nin dhiisaa
Rabbi tokkicha qofatu keessa kiyya beekaa
Halkan ciise waaniin yaaduu laalee arkaa
Anis jireenya baranaa wajjin falmadhuu
Akkana godhe jahee rabbi hin komadhuu
Waa'ee keessa kiyyaa
Rabbiiyyee sittin iyyaa
Namni gaarii naaf yaadee hin beeku
Waa'ee keessa kiyyaa ijaan hin arkuu
Edaanuu obboleessaatuu na miidhaa
Dubbachuudhaaf afaan na hidhaa
Jireenyaaf jahee keessi kiyya hin gubatuu
Namatti himadhuus tokko naaf hin hubatuu
Mirgi kiyya akka eeggamun fedhaa
kanaaf jaheetin akkana iff godhaa
Way way
Way way
Guddaa Rabbii kiyyaa budaa ajjeesii
Ijaan laaluu jibbee narraa fageessii
Haqa kiyya na dhiyaatanii
na tumsuuf poolisii yaammatanii
Namni aanaan jechaa hin dhaqabuu
Naman kiyya Ja'un hin qabuu
Allaatiin ganamaan Barriisaa
Namni natti roorrisaa
Laal jireenya akkamittin jijjiiraa
Aniss barana cinqamuttin jira
Bifti gurraacha tahus garaan namaa hin beekkamuu
Namni abdataa turte Boruu jijjiirama hin shakkamuu
Akkana godhe jahee hin komadhuu
Rakkoo tiyya namatti hin himadhuu
Kaan keessaa
na muddamsisaa
silaa nin ciisaa
sodaatu nin dhiisaa
Barana immoo waan addaatii
Diinni kiyya abbaa araddaatii
Kaan keessaa
na muddamsisaa
silaa nin ciisaa
sodaatu nin dhiisaa
Rabbi tokkicha qofatu keessa kiyya beekaa
Halkan ciise waaniin yaaduu laalee arkaa
Anis jireenya baranaa wajjin falmadhuu
Akkana godhe jahee rabbi hin komadhuu
Waa'ee keessa kiyyaa
Rabbiiyyee sittin iyyaa
Namni gaarii naaf yaadee hin beeku
Waa'ee keessa kiyyaa ijaan hin arkuu
Edaanuu obboleessaatuu na miidhaa
Dubbachuudhaaf afaan na hidhaa
Jireenyaaf jahee keessi kiyya hin gubatuu
Namatti himadhuus tokko naaf hin hubatuu
Mirgi kiyya akka eeggamun fedhaa
kanaaf jaheetin akkana iff godhaa
Way way
Way way
Guddaa Rabbii kiyyaa budaa ajjeesii
Ijaan laaluu jibbee narraa fageessii
Haqa kiyya na dhiyaatanii
na tumsuuf poolisii yaammatanii
Namni aanaan jechaa hin dhaqabuu
Naman kiyya Ja'un hin qabuu
Allaatiin ganamaan Barri