[Intro]
HeymaaToo, Heymaa tiiyyaa
[Verse 1]
Osoo keessi koo akkuma durii,
Kolfee xaphachuu danda'ee tolaa,
Garuu har'a jaalala Heymaa kootiif,
Laphee ulfaataa, ija imimmaaniin golaa.
[Verse 2]
Sii jibbee, sii dagadhee jiraachuu irra,
Miidhamni kee naaf ta'ee filannoo,
An gaaftokkoos siin hin komadhu,
Sitti hin murteessu goonkumaa yaaddoo.
[Chorus]
Akka ati naa wajjiin ta'uu hin dandeenye,
Onneen koo beeka, ni hubata,
Garuu maaliif laata lines kee,
Abdiin sirraa kutachuu didata?
[Verse 3]
Hammam yoon si jaaladheyyuu,
Akka na hin barbaanne yoon bare,
Caliseen sirraa of fageessa,
Osoo onneen koo siif gubatee rare.
[Bridge]
Waa'ee kee gaafan yaadadhu,
Imimmaan haqadheen soba,
"Nagaadha" jedheen ofitti hima,
Keessi koo ta’us dhiphuu fi lola.
[Chorus]
Gaafa gaaftokko waa'ee koo yaadattu,
Dhugaan koo siif gala gaafas,
[Outro]