[Intro]
Dhiyootti deebina mana keenya ganamaatti
Waanjoon nurraa kaa'a jabaadhaa yeroo dhiyyootti
Irraanfachuuf jirra boo'ichaaf dadhabbii Lafaa
Gungumaa adeemuun martinuu dhiyootti hafaa
Ishee keessaa baane jannata iddoo Bultii keenyaa
Jabaadhaa adeemaa yeroo dhiyyoot achi geenyaa
[Bridge]
Maalshee nuuf tolee Silas dacheeni nuuf hin mijannee lafti onaan Kunii
Utuu hoietuu agabuu bulaa bu'aa irraa dhabee namni baayyeeni
Kaanis dhalasaa utuu jaallatuu of harkaa dhabaa balaa tasaanii
Kaan mana ba'ee utuu in galin hafee reffisaa nyaatame bineensaani
Bayyeen dadhabee dhabee dafqasaa utuu dhama'uu maaddi irraa dhabaa
Daa'imnis hadhaa malee jiraatti umurii malee gaddaan waadamaa
Nu nuffisiisee jireenyi dachee akkasiin turuun yoom rawwatamaa
Maaloo mulladhuu yesuus waqarraa biyya abdii keenyaa ijaan agarraa
[Verse 1]
Joorman dachee kanaa ijoolleekee dadhabsiisee
waan lafaaf joonja'uun yeroo kadhataa dhabsiise
Hir'uun foonii hin guutuu nyaatee ka'ee amuummataa
Yoo tokkoon guutanii kan bira qaawwee mul'ataa
Utuu akkasiin jirruu keessa turuun in ulfaataa
Nuf mulladhuu maaloo yesuus dhufakeet furmataa
[Verse 2]
Dacheen dulloomteettii keessatti of in dagatinaa
Kan ittin galtani tikeetii Sami hin dhabinaa
Uffaticha adda kan ittin cidhicha hirmaannuu
Utuu yeroon jiru hardha dafnee haa fudhannuu
Dhiyootti adeemnaa cidha isa yesuus qopheessee
Keessatti argamuudhaaf mee hardha eenyu murteesse