[Intro]
Itti himi, dhimmamni qalbii kuno
[Verse 1]
Hunda keessaa filadhee, siin jedhe wanti ani yaade
Sikeenyaan bakka addaa, garaa koo keessa jirsiisee
“Keessa jiraadhu” jennaan, jaalalli afuura naaf heddree
Onneekoo fuutee baddaa? fuula keenyaatti olkaa’uu?
[Pre-Chorus]
Haqni kiyya sin dhiisu, lakkii dhiisi shaggituu
Nama akka koo siif ta'u, eessattiyuu hin argitu
[Chorus]
Sin jaaladhe malee, Akkuma lubbuukoo
Mee maalan si godhe, Nattimi cubbuukoo
Jaalalan siif laadheef, Naaf deebiftee jibba
Maaliif na laaffifta, Mogolee fi jilba?
[Verse 2]
Anoo ofirran si jaalla, Lubbuu kiyyan siif laadhaa
Akkamiinaan danda'ee, Si dhabeemmoo jiraadhaa?
Atoo anaaf dhalattee, Anuma qofaaf maltaa
Jaalala dhugaa dhiiftee, Kam barbaacha imalta?
[Bridge]
Ihim....
[Verse 3]
Onneekoo dhiigsitee, Osoon siif gaggabuu
Narraa fagaatteetta, Fiigus sin qaqqabu
Osoon siduuka laaluu, Madaan onneekoo dhiigee
Dhumnisaa bareedaaree? Kan waadaa galee diige
[Chorus]
Anaaf qooda rabbiiti, Hiree kootu siin alaa
Haqni imimmaan kootimmoo, Guyyaa tokko siin gala
Yooti kan onneerraa, Jaalatteen wal geesse
“Maal jette” naan jedhi, Na taajjabda teessee
[Outro]