Halkanii guyyaa fiigda Faannikee hin mul'atuu
Olkaatee tulluu yaabda
Boowwaaf boochoo hin balfitu
Bararristee faffagaatta
Roobaaf aduu hin dheessitu
Maraanmartoo naan kaattaa
Essaa kan nageessituu?
[Pre-Chorus]
waan niyyaake si guutuuf utuudhuma an kurkuruu
Akka raftee boqottuuf siin jedhe ushuruuruu
sharfeen sharfee akka buutu osoon bitee gurguruu
kankee fedhiinke hin guutuu dadhabdee naa wajjin turuu
[Chorus]
Suuta yoo tarkaanfatan
Suuta gobaan diramuu
Bubbeetti hin galaafatan
Ani qillensa hin dorgomu
[Verse 2]
utunan si qanansiisuu
maaf narkaa ala ilaalta
Alagoomtee qalbiikoo
Maaf orma natti taata
Firoomsaa Degefaa
[Chorus]
Suuta yoo tarkaanfatan
Suuta gobaan diramuu
Bubbeetti hin galaafatan
Ani qillensa hin dorgomu
[Bridge]
Essaa kan nageessituu?
waan niyyaake si guutuuf
utuudhuma an kurkuruu
Firoomsaa Degefaa
[Final Chorus]
Suuta yoo tarkaanfatan
Suuta gobaan diramuu
Bubbeetti hin galaafatan
Ani qillensa hin dorgomu