Yaa Jaallalee Tiiyyaa.
Abbaan fedhe haa odeessuu
Waan barbaades haa jedhuu
Ati kan kootim yoomuu
Anis si dhabuu hin fedhuu
Olis ka'e gadis taa'ee
Anoo suman yaadaa
Jaallali kee na miidhe
Guggubee na waadaa!
Teessoo kee godhateem
Walakkaa onneef tiruu. Meetiis ta'e warqeedhan
Anoo Tasa sin jijiiruu!
Anoo jechan dhabeem
Kanuma sin gituu.
Teessoo kee godhateem
Walakkaa onneef tiruu
Meetiis ta'e warqeedhan
Anoo Tasa sin jijiruu!
Anoo jechan dhabeem
Kanuma sin gituu. Funyoon jaallala keeti
Harkisanuu hin cituu
Siinan boona yoomillee Siifan jiraadha Iubbuu
Yoon daba sitti yaade
Anatti haa ta'u cubbuu
Narraa fagaate jiraatus
Akkuma laga abbayyaa
Yaadni kee na miidhee
Yoo na dhowwatees fayyaa
Nan xumuure mitii
Anoo reefuun jalqabaa
lji koo yeroo mara
Sin arguuf gaggabaa!
Yaada keen buusee baasaa
Deemee bakka garaa koo hin
ga'uu
Siifan boohee dhangalaasaa
Imimmaan koo Yaa Jaallale
Tiyyaa Anii
Jaallalan siif Qabu lbsuudhaf
Jechinuu naa hin gahuu. Silaa sii weellisaa
Sagaleen naa hin bahuu
Maaluma si ta'ee
Garaa koo ofiihin gahuu Akkan Anii sii Jaalladhu
Qofaa. Namutuu Haa
Dhagayuu
Yaada ofirraa dhabudhaf
Miidiyas affeeree
Silaa sii weellisaa
Sagaleen naa hin bahuu
Maaluma si ta'ee
Garaa koo ofiihin gahuu
Akkan Anii sii Jaalladhu
Qofaa. Namutuu Haa
Dhagayuu
Yaada ofirraa dhabudhaf
Miidiyas affeeree
Biiyyi haa dhagahuu Biiyyi haa dhagahuu Biiyyi haa dhagahuu Biiyyi haa dhagahuu