[Intro]
[Verse 1]
Warri Haacaaluu nyaatan
Dhiiga keenya baranii
Har'allee nuuf hin teenye
Albee nutti qaranii!
Qaroo tokko dhabneerra
Lammatas nu jaamsuufi
Dungoo aartii Oromoo
Abdii borii dhaamsuufi
[Chorus]
Rabbumatu nu oolche
Nyaatamnee oolle diqqoo
Gaachana siif haa ta'u
Ammallee waaqni #Dinqoo
[Verse 2]
Warri hamaa nutti yaaddu
Gananaa fi galgala
Sirratti gochuu yaalte
Ajjeechaa fi falfala...
Dhaloota akka keetii
Irbuu goototaa dhaalu
Nama sabaaf dubbatu
Kichuutti kutuu yaalu
[Chorus]
Silumaa hidda malee
Xannachi nuuf hin dhiiguu
Kanaaf wanta Oromoo
Itti duulanii diigu!
[Lama nu suufaniiree?]
Lakki hin ta'u fafaa
Qaroon nujalaa jaamnaan
Kaayyootu karaatti hafa
[Bridge]
Kanaafuu.....
[Verse 3]
Ija tokkichaan rafi
Ija tokkoon libsadhu
Dammaqi yaa Oromoo
Agartuu kee tikfadhu
[Verse 4]
Haga yoomii qe'eenkee
Alagaadhaan dhaalama
Haga yoomii jabaakee
Ajjeesuudhaaf yaalama?
[Verse 5]
Amartiin gatiin qabdu
Gaafa jirtu qubatti
Erga qubattii baddee
Garaan gaabbiin gub
[Outro]