Kan sii ganee haa ganamuu!
Tokkoo utuu amaanuu
Yoo tokko hojjatuu cubbuu
Hin jedhin hin jedhamu
Jaalallii hin baasuu lubbuu.
Jallaatte of laatteefi
Amaanaa yoo ganamte
Goolgitee utuu hammattuu
Kafanan yoo maramtee,
Tokko utuu dhugaan jaalatuu
Tokko Soobee yoo qoosee.
Jaalaltii namaa ajeessa
Ulfaate Onnee dhoosee.
Jaalataan Qalbiin qabuu
Lubbun hinjiruu kaansaa
Tokko utuu siirressuu
Tokko yoo deemuu dabsa.
Na amaanii siin jaaladhaa
Jadhee sobee kakatee
Waadaa kee waadee nyaatee
Argaa kee yoo lagatee.
Sitti siqee sii baree
Jaalachuu kee erga argee
Yoo inni deeme siijibbee
Dirreerattii sii daarbee.
Jaalalaa sobaa kuuse
Onnee kaankee goolabbee
Siin jaallaa naa jalladhuu
Jadhee sobe sosobee
Amantiif eenyummaa kee
Laalee yoo sii jibbee
Gaddaa kankeef gammadee
Dibbee dhaane yoosirbee.
Amanamaa fakkatee sobee of amansisee
Yoo tokko gatee deemee jaalalii maal ajjeesuu lubbuyyu dhabamsisee.
Jaalalatii hin qoosinaa qoosa miti jaalalii
Liiduu too olii keef haa bu'uu arrarrii
Suummii atii biiftees haa barreessuu baarri!