[Intro]
Haasa'aa jaalalaa dhageeffadhu, garaa koo dhaga'aa
[Verse 1]
Situ fide dhibee, kan dawaansa dhibe
An maalan balleesse? Sitoo na madeesse
Jaalala ijoollummaa, mi'ooftu akka dammaa
Summii itti naqxe, karaarras ni maqxe
[Chorus]
Jaallee, jaalala akka malee yaadadhu
Siin jaaladha malee, maatii koos ni jira
Hedduun siif yaadee, siif haa gahu yaadi
Koottaa nuuf keessa jiraachuun, waan boollaa ta'e
[Verse 2]
Dhibeekeen wallaale, maaltu akka si dhaane
Si tuqanii laata? Moo suma maraata?
Qarshiidha hawwiinke? Safuu! Yaa qalbiike!
Utuun akkas beeke, rakkina keessake
[Chorus]
Jaallee, jaalala akka malee yaadadhu
Siin jaaladha malee, maatii koos ni jira
Hedduun siif yaadee, siif haa gahu yaadi
Koottaa nuuf keessa jiraachuun, waan boollaa ta'e
[Bridge]
Naaf hin galle malee, ati aramanee
Kan anaan doomsite, jecha gowwoomsite
Sin jaal'a siin du'a, boollayyu siin bu'a
Jecha natti kuulte, hallayyaa na buufte
[Verse 3]
Aannoo sin abdadhe, yaaddookoo dagadhee
Akka dhala dhabaa, harkarran si qaba
Naaf taatan si sa'e, waan fedhes yoo ta'e
Ati silaa akkasi? Murtuu akka maqasii
[Chorus]
Jaallee, jaalala akka malee yaadadhu
Siin jaaladha malee, maatii koos ni jira
Hedduun siif yaadee, siif haa gahu yaadi
Koottaa nuuf keessa jiraachuun, waan boollaa ta'e
[Outro]
Waan hundaa itti dhiise, kaayyookoo gadhiisee
Biqiltuu jaalala, kan onnee koo jalaa
Kunuunsuudhaf jedhee, cabeen gadi jedhe
Hiriyaakoo biraa naafadheetan jira
Siin of jedhe, siif gootaa fiifi
[End]